Sirni Badhaasa Miidiyaa IGAD Finfinneetti akka adeemsifamu dhaabbatichi beeksise.
IGAD Sirna Badhaasa Miidiyaa kana ALAtti Sadaasa 29fi Sadaasa 30 Bara 2025 torban lamaan dhufu keessa, Finfinnee, Hoteela Iskaay Laayititti akka adeemsisu beeksiseera.
Hojiilee miidiyaa jijjiirama qilleensaa qolachuu jalatti “naannawa tasgabbaa, damdamataafi mirkanaa’aa” uumuuf gaazexessitootaafi ogeessota fiilmii Gaafa Afriikaa gumaacha taasisaniif beekamtiin akka kennamu IGAD beeksiseera.
Sirni badhaasaa kun Mootummaa Itoophiyaa fi wal tahiinsa qaamolee biroon kan qophaa’e yoo ta’u, Sagantaawwan jajjaboo, yaadota gurguddaan qabaniifi naannawicha hojii fooyya’aaf onnachiisan akka keessumeeffaman eegama.
Madda: Seekireetariyaatii IGAD