AMN PLUS- Adooleessa, 29/2017
Sirni daldalaa hirmaannaa biyyoota ulaa galaanaa hin qabne daangessu fooyya’uu akka qabu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez ibsan.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii yaa’ii biyyoota ulaa galaanaa hin qabne 3ffaa biyya Turkii magaalaa Awaazaatti taa’amaa jira.
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez sirni daldala addunyaa haqa hin qabne kan hirmaannaa biyyoota ulaa galaanaa hin qabne daangessu fooyya’uu akka qabu gaafatan.
sochiin daldala biyyoota ulaa galaanaa hin qabnee gadi jechuu hin qaban kan jedhan Barreessaan kun, biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne baasii geejjibaa guddaaf akka hin saaxilamneefi sirna daldala addunyaatti akka hin hirmaannee wantoonni taasisan akka ka’an dhaamaniiru.
Addunyaarraa biyyoota ulaa galaanaa hin qabne 44 keessaa biyyoonni 32 reefu guddachaa akka jiran raagan ni mul’isa
Biraanuu Warqinaatiin