Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti mariin haala yeroo fi gahee Waldaalee Siivilii jijjiirama keessatti jedhu ta’aamaa jira.
Waltajjii marii kana irratti argamuun haasaha kan taasisan Hojii Raawwachiisaan Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Obbo Alamaayyoo Miijanaa waggoota 7 darban qormaata keessatti jijjiramni abdii namatti horu dhufuu eeran.
Gurmaayiinsi waldaaleen siivilii amma jiru jijjirama kana tumsuu keessatti gahee isaa akka bahatus himan.
Mariin kuni gurmaayinsi waldaalee Siivilii cimaa ijaarsa biyya cimtuuf mata duree jedhuuni kan inni adeemsifamaa jiru.
Misikkir Alamaayyootu gabaase