Biyyoonni naannawa Bahaafi Kibba Afriikaa maallaqaafi qabeenya seeraan alaa seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuun yakka raawwatamu ittisuufi to’achuuf tumsi waloo murteessaa ta’uun himamee jira.
Dabalataanis, maallaqa sochii shororkeessummaa deeggaruuf oolu waloon ittisuufi to’achuun nageenya sochii Faayinaansii mirkaneessuuf tumsii biyyoota Bahaafi Kibba Afrikaa daran murteessaa ta’uun ifoomeera.
Walgahiin Hooggantoota olaanoo biyyoota miseensa garee hojii farra maallaqa seeraan alaa daddabarsuu biyyoota Bahaafi Kibba Afrikaa Galma Komishinii Dinagdee Afriikaatti taa’amaa jira.
Walgahiicha irratti argamuun keessummoota kan simatan Itti Gaafatamtuun Waajjira Ministira Muummee Aadde Alamtsahaay Phaawuloos Itoophiyaan naannawa Baha Afrikaa irratti sochii daddabrsa maallaqaafi maallaqa Shororkeessummaa deeggaruuf oolu qolachuufi to’achuu keessatti qooda madaallii hin qabne ba’achaa akka jirtu beeksisaniiru.
Walgahii kana irratti bakka bu’oonni imaammata baasan, dhaabbilee nageenya faayinaansii, dhaabbilee seera kabachiisan, dhaabbilee damee faayinaansii dhuunfaa, akkasumas jila fi bakka bu’oonni dhaabbilee idil-addunyaa 1,150 ol ta’an irratti hirmaachaa jiru.
Kaasiyyee Maanguddaatu Gabaase.