Taarifni Ameerikaa biyyoota biroo irratti dabalaa jirtu eenyuun gaaga’a?

AMN PLUS – Guraandhala 27/2017

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp erga Waayit Haawus seenani as omishalee biyyota warra dhiyaa irratti taarifa akka dabalan dhaaddacha turaniiru.

Tarkaanfii Tiraamp tibbana oomishaalee Kanaadaa, Meeksikoo, Biraazil, Chaayinaa, akkasumas Gamtaa Awurooppaa dabalatee meeshaalee galfamu hunda irratti qaraxa %25 akka dabalan irra dedeebiin ibsa turan.

Doonald Tiraamp qaraxa dabaluuf murteesaniyyuu biyyoonni akka Kanaadaa, Chaayinaa fi kanneen biroonis gama isaanitiin oomishalee Ameerikaa irraa gara biyyota kanneeniti ergaman irratti qaraxa dabaluuf murteessa jiru.

Ameerikan Kanaadaa irraa biyya humna annisaa elektirikaa gudda bittudha. Haata’u malee, Kanaadaan gama isheetiin daballii qaraxa Tiraamp isheerratti dabale deebii kennuuf human annisaa elektirikaa irratti kan dabaltu yoo ta’u naannoleen Kaaba Ameerikaa jiran daballii kanaan daran kan miidhaman ta’uu Rooyitars guyyaa kaleessa oduu baaseen akeekkachiiseera.

Ministirri Muummee Kanaadaa Jastiin Tirudoon, “doorsifni taarifa oomishalee irratti taasifamu kun eenyuunuu hin fayyaddu” jedhan. Tarkaanfiin akkasii Ameerikaa dabalatee biyyoota Ameerikaa Kaabaa hunda rakkoo qaal’insa jireenyaaf kan saaxilu ta’u ibsaniiru.

Muummichi Ministeeraa Kanaadaa Jastiin Tirudoo Kibxata darbe ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin Kanaadaan “lola irraa duubatti hin deebitu” jechuun akeekkachiisaniiru. Meeshaalee Ameerikaa Doolaara biiliyoona 30 (Doolaara biiliyoona 20.7) irratti taarifa %25 hatattamaan hojiirra akka oolu ibsuun, guyyoota 21 keessatti doolaara biiliyoona 125 (Doolaara biiliyoona 86.2) dabalataan akka hojiirra oolu dubbataniiru.

Ibsa isanii keessatti “Ameerikaa fi Kanaadaan biyyota michuu lameen gidduutti gochi akkasii uumamuu hinqabu ture, garuu gochi kun diinota keenyaa waan baay’ee gammachisudha” jedhaniiru.

Ministeerri Maallaqa biyyatti ibsa baaseen oomishaalee aannani, foon, midhaan, wayinii, dhugaatii alkoolii, uffata, kophee, doqdoqqee, meeshaalee miidhaginaa, oomishaalee waraqaa fi meeshaalee Ameerikaa muraasa irratti taarifni hatattamaa akka dabalamu murteessera.

Chaayinaan tibbana haaloo bahuun, Ameerikaa irraa qamadii, boqqolloo fi suufii gara biyya isheetti galfamu irratti taarifa %15 dabaluuf labsuu ishee ibsi Komishinii Galiiwwan Mana Maree biyyattii irraa argame ni mul’isa.

Dabalataniis oomishaalee midhaan akka mishingaa, fuduraalee, kuduraalee, qurxumii fi oomishaalee aanani irratti taarifa %10 kaa’ameera.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Liin Jiyaan Kibxata kaleessa ibsa idilee kennaniin, Ameerikaan “waraana taarifaa, waraana daldalaa ykn waraana gosa biroo kamiyyuu gaggeessuu irratti yoo cimte, Chaayinaan hanga dhumaatti ni qabsoofti” jedhan.

”Chaayinaan hafuura sodaa hin qabdu, akkasumas olaantummaa biyya tokkoof jilbeenfannee akka hin beekne irra deebi’ee ibsuun barbaada” jedhaniiru.

Dhiibbaa uumuun, dirqisiisuu fi doorsisuun Chaayinaa waliin hojjechuuf yaaluun karaa sirrii miti. Chaayinaa irratti dhiibbaa guddaa gochuuf yaaluun shallaggii dogoggoraati” jechuun dabalataan yaadachiisaniiru.

Ministeerri Daldalaa Chaayinaa addatti dhaabbilee Ameerikaa 15 warshaa diroonii oomishu ‘Skydio’ dabalatee hordoffii cimaa akka irratti gaggeeffamu qajeelcha baasera.

Meeksikoonis karaa walfaakkaatuun tarkaanfii haaloo bahuu gama isheetiin akka fudhattu ni eeggama.

Doorsifini taarifa biyyota guddatanii kun adeemsa keessa biyyota dinagdeen gadi bu’aa fi giddu-galeessa irratti dhiibbaa uumuu akka danda’u ogeeyyiin diinagde gama kanarratti yaada kennan soda qaban irra dedeebiin ni dubbatu.

Maddi: CNN, BBC, Aljeeziraa fi Rooyiters

Qopheessan Tolasaa Mabraateti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply