Tajaajila Awutoobisii guddina Magaalaa Finfinnee gitu kennuuf hojjechaa akka jiru Dhaabbaticihi beeksise

You are currently viewing Tajaajila Awutoobisii guddina Magaalaa Finfinnee gitu kennuuf hojjechaa akka jiru Dhaabbaticihi beeksise

AMN PLUS- Adoolessa 28/2017

Dhaabbanni tajaajila Awutoobisii Magaalaa Finfinnee tajaajila Awutoobisii guddina magaalichaa gitu kennuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Finfinneetti guyyaatti Lammiileen miiliyoona tokkoo ol tajaajila geejjibaa Awutoobisii argachaa jiraachuu kan dubbatan hoji raawwachiisaa Olaanaa dhaabbata tajaajila Awutoobisii magaalaa Finfinnee Obbo Akaaluu Asaffaa Hojiileen misoomaa magaalaa finfinnee keessatti hojjetamaa jiru tajaajila si’ataa kennuuf kan dandeessise ta’uu dubbataniiru.

Sosochii daldala halkanii magaalaa Finfinnee keessatti eegalameef tajaajilli awutoobisii geejjibaa si’ataan kennamaa jiraachuu Obbo Akaaluun himaniiru.

Dhaabbatichi bara baajataa 2018 tajaajila guddinaa magaalaa Finfinnee gitu kennuuf qooda fudhattoota waliin sanada waliigaltee mallatteessee jira.

Geetaahun Katamaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply