Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan taphattoonni kamiyyuu yoo kilaboonni biraa akka mallatteessaniif gaafatan taphattootni immoo filannoo jalqabaa Arsenaal taasifatu jechuun ibsan.
”Ammatti nuti carraa qabeessa” kan jedhan leenjisichi “taphattoonni ciccimoon Arsenaaliif mallatteessan, gara Arsenaal dhufuu hawwii guddaa qabu” jechuun dubbata.
”Taphattoonnis Arsenaaliin kan filataniif maqaa guddaa kilabni keenya horate irraa ka’uuni” jedhan. Kun ammoo carraa qabeessa isaan taasisuu kaasu.
Kadijaa Ifaatiin