Waancaa Addunyaa 2026tti adeemsifamuu, biyyootni Afrikaa hedduu har’a gulaalliif ni taphatu.
Garee ramaddii Itoophiyaan qooda itti fudhattu keessaa Giinii Bisaawoofi Seraaliyoon har’a sa’aatii 1:00 irratti waliin morkatu.
Taphoota kanaan dura taasifamaniin Seraaliyoon qabxii 8 yoo qabaattu, Giinii Bisaawoon ammoo qabxii 6 argatteetti.
Ramaddii 4ffaatiin taphootni Sadii ni taasifamu. Qabxii 12 argachuun ramaddii kana keessaa sadarkaa 2ffaa irratti kan argamtu Kaameruun, dirree ishee irratti Istiwaatinii keessummeessiti.
Keeppi Verdeen garaa garummaa qabxii 1 qofaan ramaddicha dursaa jirtu ammoo Moorishiyes wajjin taphatti.
Taphni biraan ramaddii kana keessaa eegamu ammoo Angoolaafi Liibiyaan Wal morkii taasisan ta’a.
Aljeeriyaan ramaddii 7ffaa dursaa jirtu ammoo Bootiswaanaa waliin taphatti.
Aljeeriyaan yoo tapha kana injifatte yeroo 5ffaaf Waancaa Addunyaa irratti hirmaachuuf carraa ishee bal’ifatti.
Ramaddii 8ffaatiin Tuuniziyaan Laayibeeriyaa wajjin, Saa’oo Toomeen ammoo Ikuwaatooriyaal Giinii faana akka wal morkatan eegama.
Ramaddii 9ffaa, Gaanaan dursaa jirtu keessaa ammoo Gaanaan, Chaad faana taphatti. Chaad hanga ammaatti qabxii tokkollee kan hin galmeessisne. Maaliin Koomoros yoo keessummeessitu, Seenteraal Afrikaafi Maadagaaskaar jidduutti wal morkiin taasifamus, taphoota har’a eegaman keessaati.