Tarsiimoon biyyaalessaa konkolaattota elektirikii raggaa’e

You are currently viewing Tarsiimoon biyyaalessaa konkolaattota elektirikii raggaa’e

AMN PLUS- Bitootessa 3/2017

Wixineen tarsiimoo biyyaalessaa konkolaattota elektirikii irratti ministeerotaa fi hoggantoota dhaabbilee dhimmi ilaallatuun mari’atamee ture har’a ragga’ee jira.

Tarsiimoon biyyaalessaa konkolaattota elektirikii Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikii Ministeera Industirii waliin ta’uun qophaa’e waggoota shanan dhufaniif Itoophiyaan ittiin hoogganamtu tarsiimoo ta’ee ragga’ee jira.

Babal’inni konkolaattota elektirikii, dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa dandamatu ijaaruuf qaama tokko ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Alamuu Simee (Dr.) ibsaniiru.

Biyya keenya keessatti tarkaanfiiwwan jijjiirama qilleensaa ittisuuf gargaaran hedduu fudhatamaa jiran keessa ashaaraan magariisaa dabalatee, hojiin bu’a qabeessa ta’ee hojjetamaa akka jiran minitrichi hubachiisaniiru.

Itti dabaluudhaan, tarsiimoon konkolaattota elektirikii jijjiirama qilleensaa dandamachuu bira darbee faayidaa diinagdee, carraa hojii uumuu fi magaalaa qulqulluu ijaaruuf faayidaa guddaa akka qabu himaniiru.

Tarsiimoo mirkanaa’e hojiirra oolchuu keessatti dhaabbileen dhimmi isaa isaan ilaalatu qooda isaanii ba’uudhaan kutannoo agarsiisuu akka qaban waamichi dhiyaachuu isaa marsaa hawasaa ministirchaarra odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply