Tibbana bakkeewwan lolaaf saaxilamoo ta’an lolaa tasaa keessummeessuu danda’u jedhe Inistituutiin Meetiwoorooloojii Biyyaalessaa

You are currently viewing Tibbana bakkeewwan lolaaf saaxilamoo ta’an lolaa tasaa keessummeessuu danda’u jedhe Inistituutiin Meetiwoorooloojii Biyyaalessaa

‎AMN PLUS- Hagayya 06/2017

Guyyootii 10 itti aanan rooba cimaa jiraatuun sululli lolaaf saaxilamoo ta’an guutiinsa lagaafi balaa lolaa tasaaf saacilqmuu aika danda’an Inistituutiin Meetiwoorooloojii Biyyaalessaa beeksise.

Inistituutichi raaga haala qilleensaa Hagayya 5-14/2017 dhiibbaa qabeenya bishaanii irratti qabu baaseera.

Guyyootii 10 kanneenitti bakkeewwan rooba gannaa cimaa keessummeessanitti hammi bishaan lafarraa, giddugaleessaafi olaanaa ta’e ni mudata.

‎Kanaan wal qabatees rooba cimaa irra deddeebiin mudatuun lolaan tasaa sulula lolaaf saaxilamoo ta’anitti mudachuu danda’a.

Hammi bishaanii ol ka’uunis dambali’iinsi lagaa akka mudachuu malu raageera.

Keessumaa bakkeewwan yaa’iinsa gadii akka Awaash, yaa’iinsa Oomoo Gibeefi bakkeewwan rooba gannaa caalmaan fayyadamoo ta’anitti roobni cimaa cabbii makateefi hammaan baayyate waan roobuuf sodaa cimaa jala akka jiran himeera.

Kanaafis hawaasni sodaa jiruuf of eeggannoo taasisaa, carraalee jiranitti fayyadamuuf odeeffannoo raaga haala qilleensaa inistituutichaa akka fayyadaman dhaameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply