Tiiktookarri ‘Burabull’ to’annoo seeraa jala oolfame

You are currently viewing Tiiktookarri ‘Burabull’ to’annoo seeraa jala oolfame

AMN PLUS- Qaammee 1/2017

Tiiktookarri miidiyaa hawaasaa fayyadamuun namoota doorsisu Biruuk Tasfaayee (Burabull) to’annoo jala oolfamuun qorannoon irratti geggeeffamaa jiraachuu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee hime.

Tiiktookarri kun doorsisarra darbee namoota lama irrattii miidhaa qaamaa raawwachuu qorannoon irra gahamuu Qajeelchichi odeeffannoo AMNf ergeen beeksiseera.

Ergaawwan seeraan alaa dabarsuu, namoota dhuunfaa doorsisuu akkasumas qabiyyeewwan maqaa miseensota nageenyaa xureessan tamsaasuu Poolisiin ibseera.

Eeruu namoota doorsifamaniifi miidhaan irra gahe dhiyeessan irraa ka’uun Poolisiin hordoffii taasisaa turuu hime.

Tiiktookarri kun seera jalaa miliquuf gara naannoo Tigraayi kan deeme ta’ullee, Poolisii Naanichaa waliin qindoomuun to’annaa jala oolchuu Poolisiin Finfinnee beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply