‎Tiraamp akkaataa lola Yuukireen dhaabuun danda’amu irratti Putiin waliin mari’achuuf beellama qabatan

You are currently viewing ‎Tiraamp akkaataa lola Yuukireen dhaabuun danda’amu irratti Putiin waliin mari’achuuf beellama qabatan

‎AMN PLUS- Hagayya 03/2017

‎Pirezidaantiin Ameriikaa Doonaald Traampi Yuukireenitti waliigaltee dhukaasa dhaabuuf akkaataa danda’amu irratti Prezidaantii Raashiyaa Viladmiir Puutiin waliin Alaaskaatti marii eegaluuf akka jedhan ibsaniiru.

‎Hooggantoonni lamaanuu qaamaan wal-arganii mari’achuuf bellamaa turus garuu guyyaan keewwameen otuu hin milkaa’in hafaa ture.

‎Odeeffannoon bahaa jiran akka agarsiisanitti Yuukireen marichaan waliigaltee irra gahuu qabdu Tiraamp dursanii itti himaniiru.

‎Kanaanis biyyooti lamaanuu kutaalee bulchiinsaa tokko tokko akka wal-geeddaruu qaban yaada waliigaltichaa keessatti hammachiisuu akka qabanidha.

‎Waliigaltee biyyoota lamaanii irratti akka argamtuuf Awurooppaan hin afeeramne. Keev beellamicha ilaalchisee ammayyuu yaadi laatte hin jiru.

‎Vilaadmiir Puutin bara 2019 booda Tiraamp waliin yaroo jalqabaaf marii fuulaa fuulaaf gara Ameriikaa dhaquuf akka jiran Kireemiliin mirkaneesseera.

‎Mooskoonis waliigalaan waraana 2022 irraa eegaluun gaggeessite jijjiirama murteessaa fiduu baattus garuu kutaalee Yuukireen dhibbantaa 20 qabatteetti.

Yuukireenis humnoota Raashiyaa gara boodaatti deebisuu hin dandenye.

‎Wandimmaagany Asaffaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply