AMN PLUS- Onkoloolessa 6/2018
Tokkummaa ummataa injifannoo hidha haarmsarratti argame ulaa galaanaafis oolchuun akka danda’amu Hayyoonni Yuunivarsiitii Amboo ibsan.
Ulaa galaanaa dhabuun Itoophiyaa baasii guddaaf saaxiluu AMN Plus waliin turtii kan taasisan Barsiisaa Yuunivarsiitii Amboo Birhaanuu Kabbadaa(PhD), baasiin kunis ummatarratti qaala’iinsi jireenyaa akka dabalu ibsaniiru.
Meeshaalee biyya alaatii galchuuf buufata doonii biyya biraatti fayyadamuun baasii guddaaf saaxilamuu caalaa Itoophiyaan ulaa galaanaa waan hin qabneef hirkattummaan akka jiraattu taasisuu Barsiisaan Yuunivarsiitii Amboo Dooktar Abdataa Baay’isaa ibsaniiru.

Hayyoonni kunneen yaada AMN PLUS Afaan Oromoo irratti kennaniin ulaa galaanaa qabaachuun hariiroo ummataafi walitti hidhaminsa diinagdee akka dabalu ibsaniiru.
”Injifannoo hidha haaromsa irratti agarsiifne ulaa galaanaa irratti kan mirkaneessinu yoo ta’e dhaloota egereef seenaa guddaa keenyee akka dabarru kan mul’isudhas” jedhaniiru.
Beektoonni, abbootiin qabeenyaa, daldaltootniifi ogeessootni akkasumas lammiileen hundi nageenya biyya keessaa cimsuun tokkummaa ititeen ulaa galaanaa deebisuuf tattaaffii taasisuu akka qaban hayyoonni kunneen dhaamaniiru.
Shuumii Badhaasootiin