Tootenhaam Etihaaditti mirgaan gale

You are currently viewing Tootenhaam Etihaaditti mirgaan gale

AMN PLUS- Hagayya 17, 2017

Tapha Piriimiyeer Liigii Ingiliz torbee 2ffaan Maanchister Siitiin dirree isaa irratti Tootenhaam Hootispariin 2-0’n injifatameera.

Gooliiwwan Tootenhaam Paalinhaa fi Joonsan tapha walakkaa jalqabaan lakkoofsisaniiru.

Tootenhaam taphoota Piriimiyeer Liigii Ingiliz walitti aanan shan dirree isaan alatti Siitii waliin taphateen galchiiwwan lamaa fi isaa ol lakkoofsisuun bara Faranjootaa 2000 asitti seenaa haaraa galmeessiseera.

Taphni Liigichaa itti fufuun Boornimaawuz Woolvis waliin, Barnleey Sandarlaandi waliin, akkasumas Bireentifoordi Astoon Viilaa waliin sa’aatii 11 irratti ni taphatu.

Akkasumas galgala sa’aatii 1:30 irratti Arsenaal Liidsi Yunaayitidiin Istaadiyeemii Emireetis irratti ni keessummeessa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply