Torban muraasa keessatti Warshaa Gaazii eebbisna- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

You are currently viewing Torban muraasa keessatti Warshaa Gaazii eebbisna- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

‎AMN PLUS- Qaammee 04/2017

‎Itoophiyaan torban muraasa keessatti warshaa gaazii isa jalqabaa akka eebbiftu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) beeksisaniiru.

‎Ministirri Muummee eebba hidha haaromsaa irratti ergaa dabarsaniin Itoophiyaan yeroowwan dhiyeenyatti pirojektii meeggaa yookaan gurguddoo ta’an ijaaruu fi hojii jalqabsiisuuf sochii irratti akka argamtu eeraniiru.

‎Pirojektiiwwan gurguddoo kana keessaa warshaan gaazii akka eebbifamu yoo ibsan warshaa gaazii jalqabaabirra harka 10 ol kan guddatu warshaan gaazii 2ffaan ni eebbifama jedhaniiru.

‎Guyyaama sana barootaaf hawwamaa kan ture fedhii fi abjuun boba’aa baasuu dhugaa kan godhu qulqulleesssituun/rifaayinariin boba’aa yeroo ji’a hin caalle keessatti hojii jalqaba jechuun Ministirri Muummee ibsaniiru.

‎Kun ta’ees torban muraasa keessatti warshaan xaa’oo eegalame akka xumuramuun beeksisaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply