Kilabni guddichi Ingilaandi Maanchistar Yuunaayitid erga bara leenjiisaan kilabichaa duranii Siir Aleeksi Chaapmaan Ferguseen gadi lakkisanii as simboon irraa kaheera.
Kilabichi har’as taanaan cimina bara leenjisummaa Ferguseen gonfate sharafee ittiin jiraachaa jira yoo jenne dubbi salphisa.
Rubeen Amoorim namni amma kilabicha leenjisaa jiran erga Fergiin bara faranjootaa 2013 keessa kilabichaan adda bahanii leenjisaa 10ffaa tahuun muudamuun kilabicha dursaa jiru.
Kanneen keessaa Oliigaaner Soolshaayer nama Fergiitti aanun kilabicha yeroo dheeraa fudhachuun leenjisan yoo tahan Eriik Teen Haagiifi Jozee Moorinoonis yeroo leenjisummaa qormaataan guutame dabarsaniiru.
Haata’uuti leenjistootni sadeen maqaan isaanii olitti eerame kunniin erga mana Maanchistarii gaggeeffamanii as lafa dhaqanitti milkiin irraa fagaachuun gaaffii tarii abaarsa qabuu laata jedhu hordofsiisuu hin oolle.
Kun yaada xiinxaltoota ispoortii idil addunyaa tahee osoo jiruu torbeen kun ammmoo Jozee Moorinoo Feneerbachee irraa, Oliigaaner Soolshaayer Beeshiktaash irraa akkasuma Eriik Teen Haag Baayerleveerkuseen irraa akka gaggeeffaman taasisera.
Torbeen leenjistoota kilaba Maanchistar Yuunaayitid duraanitti gara jabaate kun tarii CV kilabicha waliin qabaatanii darbantu akkas isaan taasisee laata xiinxala jedhuus hordofsiiseera.
Kanas tahu sana torbeen kun leenjistoota Maanchistar duraanitti sadeessoo (hattrick) hojjeteera.
Iddoosaa Abdiitiin