Tumsaafi hordoffii Qaamolee garagaraatiin qabxiin barattootaa akka fooyya’ee Birichi ibse

You are currently viewing Tumsaafi hordoffii Qaamolee garagaraatiin qabxiin barattootaa akka fooyya’ee Birichi ibse

AMN PLUS- waxabajjii 28/2017

Tumsaafi hordoffiin qooda fudhattoonni garagaraa taasisaniin qabxiin barattootaa Kutaa 6ffaafi 8ffaa sadarkaa olaanaan fooyya’uu Hogganaan Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee Zalaalam Mulaatuu (Dr.) ibsan.

Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee bara 2017tti karoora qabate milkeessuu danda’uu kan himan Zalaalam (Dr.), hanqinoota damicha keessatti mul’atan furuurratti bara 2018 xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta’uu himaniiru.

Biirichi Qooda fudhattoota Karoora raawwii bara 2017tti damichaan milkaa’ina olaanaa galmeessaniif beekamtii kennuun, Karoora qindoominnafi bulchiinsaa gaarii bara 2018 irratti qooda fudhattoota waliin erga mari’ate ooda sanada waliigaltee waloo qooda fudhattoota damichaa Biirooleefi Dhaabbilee Magaalichaa garagaraa waliin waliigaltee mallattesseera.

Namoomsaa Baalliitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply