Ukkaamfameera jedhee haadha warraasaa sobuun birri miiliyoona 3 kan gaafate to’atame

You are currently viewing Ukkaamfameera jedhee haadha warraasaa sobuun birri miiliyoona 3 kan gaafate to’atame

AMN PLUS- Fulbaana 9/2018

Namni dhuunfaa osoo hin ukkaamfamin ukkaamfameera jedhee miiltoo gaa’elaa isaa birrii miiliyoona 3 gaafate to’atamuu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Namtichi maqaan isaa Dooktar Ababaawu Balaayinee jedhamu kun Kutaa Magaalaa Eekkaa Aanaa 2tti naannawa hojiisaa Buufata Fayyaa Kotobeetii namoota hin beekamneen akka ukkaamfame fakkeessuun bilbila ofiisaarraa akka waan namoonni ukkaamsan barreessaniitti haadha warraa isaaf barreesse.

“Birrii miiliyoona sadii too fiduu baattan lubbuun isa hin argitani” jedhee ergaa gabaabaa yoo ergu maatiin nahanii Poolisiif beeksisani.

Poolisiin Finfinnee qorannoo taasiseen namni dhuunfaa kun Magaalaa Dabrabiraan hoteela tokko keessa dhokatee akka ture irra gahe.

Hoteelichu yeroo sakatta’amutti namni ukkaamfameera jedhe kun guyyaa sadiif kireeffatee bulee guyyaadhuna san akka gadhiise Poolisiin odeeffannoo argate.

Poolisiin qorannoof akka ta’utti sochii herrega baankii isaa hordofaa akka jiru kan bare namni dhuunfaa kun, “Warri na ukkaamsan birrii waan dhabaniif na gadhiisan” jedhee guyyaa sadii booda manatti gale.

Poolisiinis yakka faayidaa hin malle argachuuf yaaluufi gowwomsuutiin to’annoo jala oolchuu odeeffannoon Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee nuuf erge ni agarsiisa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply