Ummanni Itoophiyaa qindoominaan yoo dhaabbatan raajii akka hojjeetan hara’as mul’isuu isaani Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) himan

You are currently viewing Ummanni Itoophiyaa qindoominaan yoo dhaabbatan raajii akka hojjeetan hara’as mul’isuu isaani Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) himan

AMN PLUS- Adoolessa 24/2017

Minisirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) guyyaa tokkotti biqiltoota miliyoona 700 mata-duree ‘dhaabuun bayyanadhuudha’ jedhuun karoorameen olitti milkoofneerra jedhan.

Har’a hooggatoonniifi hojjetoonni, dhaabbileen dhunfaafi kan mootummaa, Imbaasiifi dhaabbileen idil-addunyaa, daa’immaaniifi darggaagoonni, gaheessonniifi manguddoonni, dhiiraafi dubartoonni ashaaraa magariisaf shimbirroota dursanii bahaniiru jedhan.

Ashaaraa magariisni aadaa ummata Itoophiyaa ta’a jira. Bifa Itoophiyaa jijjiiraa jira. Seenaa Itoophiyaas jijjiiraa jira. Bifa addunyaas jijjiiraa jira jedhaniiru.

Minitira Muummee marsaa fuulaa hawaasa isaaniin ergama dabarsaniin, warri qideessan, waamicha dhagahanii warra bahanii dhaaban, hundaa galateeffataniiru.

Ummata Itoophiyaa, dhalatoota Itoophiyaafi lammiileen biyya alaa baay’inaafi guutummatti hirmaannaa taasisaniif maqaa Itoophiyaatin galateeffataniiru.

Dhaabuudhan ijoollee keenyaaf gaaddisa haa dirirsiinuun ergaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) dha.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply