Umrii isaanii waggaa 12tti badanii Raayyaa Waraanaatti makaman!

You are currently viewing Umrii isaanii waggaa 12tti badanii Raayyaa Waraanaatti makaman!

Eeruu Qophii Siinqee, AMN FM96.3

Umrii ijoolummaatti bara 1983 akkuma mootummaan Dargii kufeen Rayyaa Waraanaa foddaa teleevijiiniin ilaalaa, miirri jaalala biyyaa fi biyyaaf aarsaa kafalu sammuu isaanii keessatti kan bocame.

Umrii isaanii waggaa 12ttis badanii Raayyaa Ittisaa Biyyaatti makaman.

Yeroo Ijoolummaa barnoota isaanii adda kutanii, hawwii isaanii milkeessuuf imala eegalaniis sababa umrii isaaniin qorumsi mudate?

Akkamiin qorumsa sana bira darban laata?

Leenjiin gidduugala leenjiitti kennamuhoo isaanitti hin cimnee?

Torbee kana Qophii Siinqee AMN FM 96.3tiin Komishinii Poolisii Federaalaa keessatti sadarkaa hoggansaa irratti kan argaman G/komishinaraa Saadiyyaa Abdurroo keessummaa keenya taasifanneerra.

Muuxannoo muudannoo isaanii ni kaasna. Wiixata Caamsaa 18, 2017 galgala sa’aatii 2:30 booda AMN FM 96.3 irratti nu eegaa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply