Uwwisni humna ibsaa Itoophiyaa dhibbantaa 54 irra gaheera- Ministeericha

You are currently viewing Uwwisni humna ibsaa Itoophiyaa dhibbantaa 54 irra gaheera- Ministeericha

‎AMN PLUS- Hagayya 12/2017

‎Uwwisni humna ibsaa Itoophiyaa dhibbantaa 54 akka gahe Deetaan Ministiraa Bishaanii fi Inarjii Injinar Sulxaan Walii (Dr.) beeksisan.

‎Ministirichi sagantaan uwwisa humna ibsaa biyyoolessaa wixinamee hojjatamaa akka jiru beeksisan.

‎Lammiileen humna ibsaa hin arganne filannoowwan anniisaa adda addaatti akka fayyadaman tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

‎Ministirichi waliin gahinsa humna ibsaa mirkaneessuuf hojjatamaa jira jedhan. ‎

‎Teeknooloojiin humna aduu sadarkaa idil-addunyaatti saffisaan guddachaa jiru, dhiyeessii humna elektiriikaa akka biyyaatti gatii madaalawaadhaan waatii 240 irraa gara waatii 600 ol akka ol guddisus beeksisaniiru.

‎Daayirektarri Olaanaa Waldaa Misooma Annisaa Aduu Missiraaach Siisaay; mootummaan fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee hawaasa baadiyyaa guddisuuf fayyadamummaa humna ibsaa fooyyessuuf fudhate dhaabbilee dhuunfaa jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

‎Dhaabbileen dhuunfaa miseensota waldichaa 100 ta’an filannoowwan teeknooloojii anniisaa aduu hawaasa baadiyyaatiif kennaa akka jiran himaniiru.

‎Tarkaanfiin mootummaan fudhate kun dhiyeessitoonni teeknooloojii anniisaa aduu teeknooloojii dhiyeessuu fi raabsuuf haala mijataa akka uume dubbatanii jiru.

‎Hawaasa baadiyyaa keessatti oomishtummaa qonnaa guddisuuf teknooloojiin barbaachisaa ta’uu fi dhaabbileen faayinaansiis dhala xiqqaadhaan qonnaan bultootaaf liqii kennuu akka qaban daayirektarri waliigalaa waldichaa ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply