Har’a galgala Itoophiyaafi biyyoota muraasatti gaadiddaa’uun addeessaa walakkaa fi guutummaan mul’ateera.
Taateen kun Lunar Eclipse jechuun waamama. Yeroo lafti aduufi addeessa gidduu seentu gaadiddaa’uu uumamu jechuudha. Qorataan Saayinsii Hawaa Dr. Roodaas Taaddasaan taateen kun aduun kallattii bahaan, addeessi ammoo kallattii lixaan ta’iin lafti gidduu yeroo seentu mudata jedhu.
Taateen kun bakka sadiitti akka qoodamu kan himan Dr. Roodaas, gaadiddaa’uu guutuu, walakkaa fi dimimmisaan akka ta’es eeran. Addeessi kutaa gaadidduu guraacha lafaa keessa waan dabartuuf hin mul’attu jedhu.

Yeroo tokko tokkos haala qilleensa naannawaa irratti hundaa’uun diimaattee ibidda fakkaatti (Super Blood Moon) ni uumama jedhaniiru. Taateen kun Afriikaa, Eeshiyaa, Baha Giddu galeessaafi Awustiraaliyaattis mul’ateera.
Itoophiyaatti sa’aatii 12:30 kaasee dimismisaa’uun naannawa 2:00tti walakkeessaan gaadiddaa’uun addeessaa mul’ateera. Bakka tokko tokkootti hanga sa’aatii 2:30tti gaadiddaa’uun addeessaa kun guutummaan mul’ateera.

Taateen akkasii baatii jahaan altakka ni mudata jedhu qorattoonni. Maarree guyyaa yeroo aduun jiru mudata yoo ta’e ija qullaan osoo hin taane fullee haguugduu ijaan ilaaluutu gorfama. Kana dura Itoophiyaatti bara Waxabajjii 21, 2020fi Onkoloolessa 25, 2022 walakkeessaan mul’achuun ni yaadatama. Har’a eessa taatanii argitan? Warri Suuraan hambifattan jirtuu? Suuraa keessaniifi bakka irraa kaastan nuuf qoodaa.
Tagany Bafiqaaduutiin