Waajjirri Giiftii Duree Mana Barumsaa Bultii Addaa Qaroo Dhabeeyyii Sadarkaa 2ffaa Birhaaniif deeggarsa meeshaalee garaagaraa kenneera.
Waajjirri Giiftii Duree dhaloota qaruu fi lammii baratee horachuuf hojiilee murteessoo ta’an hojjechaa jira.
Haaluma kanaan Waajjirichi damee Barnootaaf xiyyeeffannoo kennuun, waggoottan shanan darban manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa 35 guutuu biyyattiitti ijaaruun tajaajila barnootaa akka argatan taasiseera.

Kanneen keessaa tokko Mana Barumsaa Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Qaroo dhabeeyyii Birhaan yoo ta’u, manni Baruumsichaa barattoota 400 naannoolee garaagarraa simachuun barsiisaa jira.
Waajjirri Giiftii Durees adeemsa baruufi barsiisuu, fedhii barattootaa fi mana barumsichaa dhiheenyatti hordofuun deeggarsa dabalataa taasisaa jiraachuun eerameera.
Guyyaa Har’aas adeemsa baruufi barsiisuu saffisiuuf kan deeggaru meeshaalee garaagaraa kenneera.
Dabalataaniis kilinika Mana barumsichaa keessatti tajaajila fayyaa barattootaaf kennuuf deeggarsa meeshaalee wal’aansaa kenneera.