Shaampiyoonan Atileetiksii Addunyaa Deeguu Kooriyaa Kibbaa kan bara Ibraahim Jeelaan Moo Faaraah itti injifate, seenaa hin dagatamneedha.
Yeroo sanatti gahumsa addaa irratti kan argamu Moo Faaraah fageenya meetira 10,000 dorgommicha garaagarummaa meetira 100 dursaa ture.
Waltajjii san duratti jechuunis bara 2003 hanga bara 2009tti Qananiisaan Olaantummaan xumuraa kan ture sana Jeelaan dabarsee kennuu hin barbaanne.
Fageenya dheeraa Moo Faraah fi isa gidduu jiruu fi Moo Faraah inifannoo labsachuuf deemsi ture namoota hedduu ajaa’ibe.
Jeelaan taatee hin yaadamne marsaa xumuraa irratti miira cichoominaan tarkaanfii xumuraan Moo Faaraah harkaa warqee fuudhee, deemsa Qananiisaa itti fufsiise.
Itoophiyaan guyyaa saniin booda Meedaaliyaa warqee fageenya meetira 10,000 dhiirotaan Shaampiyoonaa Addunyaa irratti hin injifanne.
Amma dura Hayilee G/Sillaasee Shaampiyoonaa Addunyaa Istutgaartii hanga Siiviyaatti yeroo 4 walitti aansuun injifate.
Akkasuma, Qananiisaan bara 2003 hanga bara 2009 kan itti olaantummaa fudhate ture.
Inni dhumaa garuu Shaampiyoonaa Atileetiksii Kooriyaa Kibbaa kan bara 2011 kan Ibraahim Jeelaan seenaa itti hojjeteedha.
Seenaa kana irra deebi’uuf har’a sa’aatii 9:30 tti Salamoon Baaraggaa, Yoomiif Qajeelchaa fi Barrihuu Haragaawii Itoophiyaa bakka bu’u.
Misikkir Akamaayyootiin