Waldaalee hojii gamtaa damee qonnaa irratti bobba’an guddisuuf hojjetamaa jira- Komishinicha

You are currently viewing Waldaalee hojii gamtaa damee qonnaa irratti bobba’an guddisuuf hojjetamaa jira- Komishinicha

AMN PLUS-Fulbaana 9/2018

Waldaaleen hojii gamtaa damee qonnaa irratti bobba’an daldala biyya keessaafi alaa irratti dammaqinaan akka hirmaataniif hojjetamaaa jiraachuu Komishiiniin waldaalee hojii gamtaa Itoophiyaa beeksise.

Waldaaleen kunneen walitti hidhaminsa gabaa qonnaan bulaaf mijeessuun akkasumas galtee qonnaafi tekinoolojii qonnaan bulaaf dhiheessun dinagdee biyyaa si’eessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu Komishirri komishinii waldaa hojii gamtaa Itoophiyaa Obbo Geetinnat Taaddasaa ibsaniiru.

Oomisha qulqulluu gabaaf dhiheessuu irratti hanqinni jiraachuu ibsuun rakoowwan sababa ta’an furuuf irratti hojjetamaa akka jiranis Obbo Geetinnat dubbataniiru.

Komishinichi rakkoowwan damee kana keessatti mudatan furuuf akkasumas waldaalee hojii gamtaa damee qonnaa irratti bobba’an guddisuuf qooda fudhattoota waliin Adaamaatti mari’achaa jira.

Geetaahun Katamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply