Waliin gahiinsi interneetii 4G dhibbeentaa 70.8 irra gahuu hoji raawwachiftuu olaantuun Itiyoo Telekoom Firehiwoot Taammiruu ibsan

You are currently viewing Waliin gahiinsi interneetii 4G dhibbeentaa 70.8 irra gahuu hoji raawwachiftuu olaantuun Itiyoo Telekoom Firehiwoot Taammiruu ibsan

AMN PLUS- Adooleessa 17/2017

Itiyoo Telekoom raawwii hojii bara baajataa 2017 ilaalchisuun miidiyaaf ibsa kenne

Waliin gahiinsi interneetii akka dabaluuf hojii hojjetamaa jiruun tajaajilli interneetii 4G dhibbeentaa 70.8 irra kan gahe ta’uu hoji raawwachiiftuu olaantuun Itiyoo Telekoom Firehiwoot Taammiruu ibsaniiru.

Itiyoo Telekoom raawwii hojii bara baajataa 2017 ilaalchisuun miidiyaaf ibsa kenneera.

Waliigalaan magaalota Itoophiyaa 936 keessatti tajaajila interneetii 4G fayyadamaa taasisuun kan dandaa’ame ta’uus ibsaniiru. tajaajilli interneetii 5G magaalota 26 keessatti tajaajila akka kennan taasifamuus eeraniru.

Itiyoo Telekoom bara baajataa kana qofa lammiilee miiliyoona 5.9 tajaajila Telekoom hin argatin turan tajaajila akka argatan taasifamuus ibsaniiru.

Kunis kenniinsa gabaa diijitaalaa nageenyi isaa eegame taasisuuf hojjetamaa turuu kan himan Firehiwoot Taammiruu yaalii halleellaa saayiberii kuma 400 fi kuma 62 gaggeeffame guutumaa guutuutti akka fashaala’u taasifamuus ibsaniiru.

Dirribaa Yaadataa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply