Walitti dhufeenyi Itiyoophiyaa fi Chaayinaa damdaneesss, seena qabeessaa fi bu’a qabeessa ta’u prezidaantii Federaalawaa Demokiratawaa Rippubiliikii Itiyoophiyaa Taayyee Asqasellaasee ibsan.
Gareen ogeeyyii fayyaa tola ooltota Chaayinaa fi Gareen tola raawwattota Afriikaa saadarkaa Addunyaattii fedhiin tola ooltota ogeeyyii fayyaa wallaansa tolaa kennuu eegalan.
Sagantaa saaqiinsa tola ooltummaa irratti kan argaman Prezidaantii FDRI Taayyee Asqasellaasee walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Chaayinaa teeknoloojii fi saayinsiin qofaan otuu hintaanee Aadaa walitti dhufuu uummataan kan walitti hidhame ta’uu tuqaniiru.

Chaayinaatti gareen tola ooltootaa Doktoorota hojii tajaajila tola ooltummaaf gara Itoophiyaa dhufuun isaanii walitti dhufeenya biyyoota lamaanuu cimsuuf hojii murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Ministirri Fayyaa Dr Maqidas Dhaabaa karaa isaaniitiin damee fayyaatiin Itoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti tumsi jiru fakkeenyummaa kan qabuu fi kan jajjabeeffamuu qabu ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddari Chaayinaa chiin Heyi walitti dhufeenya Chaayinaa_Afriikaa, Chaayinaa_Itoophiyaa damee fayyaatiin chaayinaan itti fufsiisuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.
Tola ooltota 40 ol ta’an wallaansa ijaa, wallaansa dhibee sammuu, wallaansa onnee baqagsanii yaaluu, wallaansa gadameessaa kan kennamu ta’uu dubbataniiru.
Tajaalli fayyaa tola ooltummaa Hospitaala silki dooroo Addis Abaabaa kan kennamu yaroo ta’u torban lamaaf kan turu ta’uu himameera
Nigusuu Baqaaluutu gabaase.