Waltajjiin bu’aa jijjiiramaa kan ta’e hoggansa dubartootaa Golahambaa Saayinsiitti adeemsifamaa jira.
Waltajjichi qopheessummaa Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaan, mata duree “Dubartoonni Itoophiyaa Eessaa Garamitti” jedhuun adeemsifamaa jira.
Waltajjicharratti Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaa Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamaniiru.
Waltajjichaan mariin hirmaannaa diinagdeefi siyaasaa dubartootaa guddisuun baadhaadhina gama maraa Itoophiyaa gara hojiitti hiikuu dandeessisu ni gaggeeffamas jedhameera.