Wanti karaa foddaa teelevizhiniin argine nus dhaqqabe- Jiraattoota Finfinnee

You are currently viewing Wanti karaa foddaa teelevizhiniin argine nus dhaqqabe- Jiraattoota Finfinnee

AMN PLUS- Hagayya 30/2017

Abbaan Taayitaa daandiiwwan Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii manneen lammiilee harka qalleeyyiif haaroomsuu eegaluu isa beeksise.

“Abbaan Taayitichaa daandii ijaaruu, suphuufi bulchuu qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahuuf tola ooltummaa hojiilee namoomaa irratti xiyyeeffatan irratti hirmaachuun jireenya lammiilee utubaa jira” jedhan Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Muhiddiin Rashaad.

Abbaan Taayitichaa lafa Kaareemeetira 1500 irratti Abbootii warraa 30 ta’aniif qarshii miiliyoona 60 oliin gamoo abbaa darbii lamaa ijaarsisuu akka eegale ibsanii jiru

Hoji-Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Obbo Alamaayyoo Miijanaa Guyyoota 90’tti manneen harka qalleyyii 240 Ijaarsisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojiin ijaarsaa fi haroomsa Manneen harka qalleeyyii Abbaa Taayitaa daandii magaalichaan Kutaa magaalichaatti eegalames milkaa’ina karoorichaaf utubaa ta’uu obbo Alamaayyoon kaasaniiru

Namoonni manni isaanii haroomfamuu eegales “kanaan dura karaa foddaa teeleviizhiin waan argaa turre nus dhaqqabe” jechuun ibsaniiru.

Har’a Garuu wanti karaa Foddaa teeleeviizhiinii argaa turan mana isaanii waan seeneef lama dhalanne jedhan.

Mangashaa Daargeetu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply