Waraana Yuukreen dhaabuuf mariin akka eegalamu Puutiin waliin walii galuu D. Traamp ifoomsan

You are currently viewing Waraana Yuukreen dhaabuuf mariin akka eegalamu Puutiin waliin walii galuu D. Traamp ifoomsan

AMN PLUS- Guraandhala 5, 2017

Pireezidaantiin U.S. Doonaald Traamp gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin marii kallattii erga taasisanii booda waraana Yuukreen dhaabuuf mariin akka eegalamu walii galuu ifoomsan.

Donaaldi Tiraampi gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Gareen Gurmaa’anii Ariitiin mariin akka eegalamu waliigalleera ,Pireezidaantii Yuukireen Zeleenskiis bilbillee waa’ee marichaa ni beeksifna kunis waanta anii taasisuudha “ jedhan.

Pireezidaantii Puutiini fi Doonaaldi Tiraampi bilbilaan sa’aatii 1fi walakkaa haasa’uun qaamaan wal arguuf waliigaluu beeksisuu isaanii ‘Reuters’ gabaaseera.

Doonaaldi Tiraampi akkamiin akka milkeessaan ifa ta’uu baatus waraana Raashiyaa fi Yuukireen ariitiin kan dhaabsisan ta’uu irra deddeebiin dubbachaa turuun ni yaadatama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply