Bara Oomishaa 2017/18’f xaa’oon UREA fi Daappii gara biyyaatti seene Kuntaala Miiliyoona 17 fi Kuma 500 qonnaan bultootaaf raabsamaa akka jiru Korporeeshiniin Hojiiwwan Qonnaa Itoophiyaa beeksiseera.
Korporeeshinichi xaa’oo biyyee biyya alaatii bitu Kuntaala Miiliyoona 24 keessaa haga Hagayya 21 jechuunis Roobii har’aatti xaa’oon kuntaalli Miiliyoona 18 fi Kuma 484 buufata doonii Jibuutii qaqqabuu isaa
Itti-gaafatamaan Komunikeeshiniifi Gaggeessaan Itti gaafatamummaa Hawaasummaa Obbo Gaashaaw Aychilum ibsaniiru.
Haga har’aattis xaa’oon Kuntaala Miiliyoona 17 fiKuma 507, waliigala keessaa dhibbantaa 92.3 gara biyya keessaatti
geejjibsiifamee qonnaan bultootaaf raabsamaa akka jiru addeesssaniiru.
Xaa’oo buufata doonii irratti hafe Kuntaala Miiliyoona Tokkoo fi Kuma 455 ol ta’u ammo har’a irraa eegalee konkolaataa fe’umsaafi
baaburaan gara biyya keessaatti geejjibsiisuun akka eegalamu ibsanii jiru.
Hagayya 21 Bara 2017 haga Fulbaana 13 bara 2018’tti ’Xaa’oon dabalataa Kuntaala Miliyoona 3 fi Kuma 700, dooniiwwan torban buufata Jibuutii ni qaqqaba jedhamee eegama’ jedhan, Obbo Gaashaaw.
Bara 2008 irraa eegalee, bu’aa qorannoo Ministeera Qonnaa irratti hundaa’uun caalbaasii baasuudhaan bittaa gaggeessaa turuu isaa korporeeshinichi ibseera jechuun TOI’tu gabaase.