Xiyyaarri Raashiyaa namoota 50’tti siqan fe’ee balali’aa ture kutaa baha biyyattii bakka Umaar jedhamutti kufee caccabuusaa dhaabbileen miidiyaa biyyattii gabaasaniiru.
Tajaajilli oduu Raashiyaa akka gabaasetti namoonni xiyyaricha keessa jiran hunduu lubbun isaanii darbeera.
Qaamni xayyaarichaa caccabe Magaalaa Tiindaa irraa fageenya KM 15 bittinaa’ee argamuun isaas gabaafameera.
Ka’umsi balichaa qoratamaa akka jirus ‘Sky News’ gabaaseera.