Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa xumuramuun biyyoota yaa’a Abbayyaatiif walii galtee boqonnaa haaraa kan banu carraa seenaa qabeessa ta’uu, Kaanaadaa Bulchiinsa Albartaa keessa kan jiraatan Qorataa olaanaan Qabeenya Bishaanii Injinar Geetuu Biiftuu himan.
Ji’a Waxabajjii 2017 Muummee Miniteeraa Abiyyi Ahimad (Dr) ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota uummataaf dhiyeessaniin aarsaa qaalii lammii biyyattiin kan ijaarame Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa xumuramuun ji’a Fulbaanaa 2018 akka eebbifamu dubbatanii turan.

Biyyootni yaa’aa laga Abbayyaa guyyaa eebbaa kana akka argamaniif fayyadama waliinii qabatamaatti agarsiisuuf akka waamicha taasisan ni yaadatama.
Kaanaadaa Bulchiinsa Albartaa keessa kan jiraatan Haayidirooloojistiin Injinar Geetuu Biiftuu projektii guddich madda anniisaa Afrikaa kan ta’e hidhi haaromsaa xumuramuun Itoophiyaaf milkaa’ina seena qabeessa ta’uu irra darbee biyyootaa yaa’a gadiif boqonnaa walii galtee haaraa kan saaqu ta’uu isaa ibsuu TOI’n gabaaseera.