Yaa’ii tibbanaaf Hoteelota 38fi hospitaalota 7 irratti too’annoofi hordoffiin taasifameera- Abbaa Taayitaa Nyaataafi Qorichaa Finfinnee

You are currently viewing Yaa’ii tibbanaaf Hoteelota 38fi hospitaalota 7 irratti too’annoofi hordoffiin taasifameera- Abbaa Taayitaa Nyaataafi Qorichaa Finfinnee

AMN PLUS- Guraandhala 05, 2017

Abbaan Taayitaa Nyaataafi Qorichaa Magaalaa Finfinnee Yaa’ii Gamtaa Afrikaaf hoteelota sadarkaa qaban 38fi hospitaalota 7 adda bahan irratti too’annoofi hordoffii barbaachisu taasisuun qophii barbaachisaan taasifamuu hime.

Yaa’iin Koree hojii raawwachiistuu Gamtaa Afriikaa 46ffaan har’a yoo eegalu, Yaa’iin Dureewwanii ammoo guyyoota lama booda ni eegala.

Keessummootni yaa’icha irratti hirmaatan tajaajila qulqulluufi sadarkaasaa eeggate akka argataniif hoteelotaafi hospitaalota adda bahan irratti to’annoofi hordoffii gahaan taasifamuu Abbaan Taayitaa Nyaataafi Qorichaa Finfinnee beeksiseera.

Darajjee Bayyanaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply