Yaaliin haleellaa saayibarii kuma 13 fi 400 ol Itoophiyaarratti aggaamamuu himame

You are currently viewing Yaaliin haleellaa saayibarii kuma 13 fi 400 ol Itoophiyaarratti aggaamamuu himame

‎AMN PLUS- Fulbaana 29/2018

‎Bara 2017 qofatti yaaliin haleellaa saayibarii kuma 13 fi 496 Itoophiyaarratti aggaamamuu Bulchiinsi Nageenya Neetworkii Odeeffannoo beeksise.

‎Daayirektarri Olaantun Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannoo Aadde Tigisti Haamiidii Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa Onkoloolessa 1 hanga 30, 2018tti kabajamu ilaalchisee ibsa kennaniiru.

‎Itoophiyaatti yaaliin haleellaa saayibarii daran dabalaa akka jirus Aadde Tigist beeksisaniiru.

‎Bara 2016tti yaaliin haleellaa saayibarii kuma 8fi 854 kan ture bara 2017tti gara kuma13fi 496tti akka ol guddate kan himan Aadde Tigisti, miidhaa cimaan osoo hin raawwatamin qolachuun akka danda’ames ibsaniiru.

‎Lakkoofsi namoota teekinooloojii saayibarii fayyadamanii dabaluu fi hubannoo dhabuun isaanii yaaliin haleellaa kanaa akka baay’atu sababoota ijoo ta’uu isaa dubbataniiru.

‎Ji’a Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa 6ffaan mata duree “Nageenya Saayibarii – Bu’uura Dijitaalaa Itoophiyaa” jedhuun sagantaalee adda addaatiin akka kabajamu Aadde Tigisti eeraniiru.

Kaasaahun Andu’aalemitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply