Bidiruun godaantoota 157 fe’attee imalaa turte Yaman qarqara galaanaatti qilleensa hamaa ishee mudateen dhidhimtee lubbuu namoota 68 olii galaaffatte.
Bidiruun kun Kibba Yaman iddoo Abiyaan jedhamutti kan dhidhimte yoo ta’u, hanga ammaatti reeffi namoota 68 argamuu Hogganaan Dhaabbata Godaantoota Idil-Addunyaa dubbachuu BBC n gabaaseera.
Namoonni 12 lubbuun kan argaman yoo ta’u, baay’een isaanii bakki bu’amu dhabamuu hoggantichi itti dabaluun ibsaniiru. Balaan uumame hedduu gaddiisisaa kan ta’eefi godaantoota keessaa harki caalu lammiilee Itoophiyaa ta’uu isaaniis Dhaabbanni Godaantoota Idil-addunyaa ibseera.
Yaman biyyoota gaafa Afrikaa keessaa iddoo daldaltoonni galaanarraa godaantoota hojii barbaachaaf gara biyyoota Arabaa ittin daddabarfaman taate jechuun Dhaabbanni Godaantoota Idil-addunyaa ibseera.
Balaa bidiruun dhidhimuu kanaan ji’oottan muraasa keessatti qofa lubbuun namoota dhibbaan lakka’aman kan darbeefi gonkumaa kan dhabaman hedduu ta’uu Dhaabbanni Godaantoota Idil-addunyaa eereera.
Yamanitti Ajajaa Olaanaan Dhaabbata Godaantoota Idil-addunyaa Abdusaaxir Isoov akka ibsanitti bidiruun godaantoota 157’tti siqan fe’attee galaana bakka bal’aa iddoo hamaa ta’eerraan deddeebisaa turte jedhan.
Kunis yeroo baay’ee namoota seeraan ala daddabarsuurraa akka dhufe agarsiisas jedhaniiru.