Yeroo Hidhi Haaromsaa eebbifamutti Jaappaanitti imaluun keenya miira injifannoo dabalataa nuuf laata- Komaandar Atileet Silashii Sihin

You are currently viewing Yeroo Hidhi Haaromsaa eebbifamutti Jaappaanitti imaluun keenya miira injifannoo dabalataa nuuf laata- Komaandar Atileet Silashii Sihin

AMN PLUS- Qaammee 3/2017

Jilli Atileetksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Jaappaan Tookiyootti geeggeeffamu irratti hirmaachuuf boru garas imala.

Pirezdantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Atileet Silashii Sihin AMN PLUS waliin turtii taasisaniin, gareen kun guyyaa hidhi haaromsaa eebbaan ifa ta’utti garas imaluun miira addaa laata jedhan.

Komaandar Atileet Silashiin “Duraanuu atileetota keenya bira miira injifannotu jira, Hidhi haaromsaa garuu irraa caalaatti waanti hin danda’amne akka hin jirre atletoota keenyaf fakkenya guddadha” jedhaniru.

Filannoo atileetotaa irraa eegalee bara kana rakkoon akka isaan hin quunnamne kan dubbatan Komaandar Silashiin uummata keenya gammachiisuuf humna keenya hundaan fayyadamuuf qophidha jedhaniiru.

Pirezidaantiin itti aanaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa fi dursaan garee jila Atileetiksii Itoophiyaa Injinar Getuu Garramaw gama isaaniin uummanni Itoophiyaa mallatto ni dandeenya hidha haaromsaa Itoophiyaa irratti agarsiisaniiru jedhan.

Injinar Geetuun itti dabaluun jilli Atileetiksii Itoophiyaa ji’ootaaf shaakalarra kan ture ta’uu ibsuun gammachuu Hidha Haaromsaa irratti gammachuu dabalataa uummataa Itoophiyaaf fiduuf qophii ta’uu himaniiru.

Rabbirraa Hirphaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply