Kilabni liigii Gulantaa 4ffaa keessa taphatu Giriimsbey, Manchester Yuunaayitidiin injifate.
Boqonnaa dura 2-0’n durfamaa kan ture Yuunaayitid boqonnaa booda goolii lama lakkoofsisuun qixa ta’us rukuttaa adda baastuun 12-11’n injifatame.
Taphattoonni haaraan barana bitama Kuunhaafi Imbeemoon rukuttaawwan adabbii fashaleessaniiru.