Yuunivarsiitiin Finfinnee yeroo 75ffaaf Barattoota Muummee Barnootaa garaagaraan barsiisaa ture eebbise

You are currently viewing Yuunivarsiitiin Finfinnee yeroo 75ffaaf Barattoota Muummee Barnootaa garaagaraan barsiisaa ture eebbise

AMN PLUS- Waxabajji 21/2017

Yuunivarsitichi digrii jalqabaatiin barattoota 3,334, digrii 2ffaatii 2,859, akkasumas digrii 3ffaatiin 304 fi Specialty’ fi ‘Sub-Specialty’ tiin 352, waliigalatti barattoota 6,849 har’a eebbisiiseera.

Sagantaa eebbaa kanarrattis,keessummaa kabajaa tahuun kan argaman Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee, dabalatee Pirezidaantiin mana Murtii Federaalaa Obbo Tewoodiroos Mihirat,Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, Hoji-Raawwachiistuun Itiyoo Teeleekoom Firwoot Taammiruu akkasumas anga’oonni olaanoon mootummaa Federaalaa argamaniiru.

Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee sagantaa eebbaa kanarratti argamuun ergaa dabarsaniin, Yuunivarsiitiin Finfinnee waggoota 75’f osoo wal irraa hin citin dhaloota qaruun, hayyoota hedduu biyyaafi addunyaaf bu’aa olaanaa buusan gumaacheera,ammas gumaachaa jira jedhaniiru.

Eeggataan Pirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Saamu’eel Kifilee (Dr), Yuunivarsiitichi, Dijiitaal Itoophiyaa dhugoomsuu keessatti gahee mataasaa ba’achaa jiraachuu himanii, Hospitaala Ispeeshaalayizdii Xiqur Ambassaatti,kenniinsi tajaajila yaala fayyaa gama dijiitaalaan kennamu dhibbeentaa 85 irraa akka qaqqabuuf hojii guddaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara 2017’tti qorannoowwan gurguddoo faayyidaa hawaasaaf oolaan 154 adeemsisaa jiraachuu himaniiru.

Yuunivarsitiin Finfinnee Bara 1943,barattoota 33 simachuun, moggaasa maqaa Kolleejjii Finfinnee jedhuun hojii baruufi barsiisuu kan eegale wayita ta’u, yeroo ammaa kana kampaasiiwwan dabalataa qabutti, barattoota Kuma 34 fi 154 simatee ogummaa garaagaraan barsiisuurratti argama.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply