
AMN PLUS-Waxabajjii 23/2018
Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa dargaggootni magaalattii odeeffannoo sobaa bara dijitaalaa irraa of-eeguun utubaa ijaarsa nageenya ta’uu qabu jedhan.
Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee AMN waliin tahuun sagantaa marii uummataa televiizhiiniin darbu “Dirree Nagaa” jedhu qopheessera.
Sagantaan kun mata duree “Gahee Dargaggootaa Ijaarsa Nageenyaa Waaressuu Keessatti” jedhuun Yaadannoo Injifannoo Adawaatti gaggeeffameera.

Saganticharratti Aadde Liidiyaa Girmaa ergaa dabarsaniin gaheen dargaggootaa guddinaa fi nageenya Finfinnee keessatti guddaa tahuu ibsaniiru.
Finfinneen Magaalaa guddoo Itoophiyaa qofa osoo hin taane magaalaa Afrikaa fi dhaabbilee idil-addunyaa ta’uu ishee kaasanii, nageenyi magaalattii ammoo caalmaatti kan mirkanaa’u hirmaannaa dargaggootaan ta’uu ibsaniiru.
Aadde Liidiyaan bara dijitaalaa ammaa keessa jirru kana miidiyaan hawaasaa dargaggoota gara kallattii dogoggoraatti geessuun walqabatee meeshaa guddaa ta’aa jiraachuu eeruun kana maqsuuf dargaggootni dhugaa fi soba adda baasuu, miiraan osoo hin taane hubannoodhaan murteessuu, akkasumas waardiyyaa nageenya magaalaa isaanii ta’uu qabu jedhaniiru.
Dabalataanis, hojiiwwan misooma koriidarii fi pirojektoota ‘Smart City’ yeroo ammaa Finfinneetti hojjetamaa jiran keessa dargaggootni ashaaraa qabaachuu hubachiisuun dargaggoonni fayyadamtoota nageenyaa qofa utuu hin taane, ambaasaaddarootaa fi waardiyyaa nageenyaa ta’uu akka qaban imaanaa jedhaniiru.

Maricharratti hayyoonni argaman Dooktar Taamiruu Fayisaa fi Dooktar Jaarraa Sammaa gama isaaniitiin, dargaggoota araada garaagaraafi ilaalcha dogoggoraa irraa fageessuun akkamitti ijaarsa biyya keessatti hirmaannaa dammaqina qabu taasisuun akka danda’amu irratti xiyyeeffachuun qorannoo dhiyeessaniiru.
Gabaasni Kan Barakat Teewodiroosi