Kiristiyaanoo Roonaaldoon affeerraa Pirezidaantii US Doonaaldi Tiraampiin har’a ‘White House’ daawwachuufi.
Dursaan Sa’udii Mohaammad Biin Saalmaan har’a masaraa mootummaa biyyaalessaa Amerikaatti akka argamanis eerameera.
Waancaa Addunyaa 2026 Ameerikaa, Kanaadaafi Meeksiikoon qopheessaniif Poorchugaal darbuushee tibbana mirkaneeffatte.
Biiliyeenarri ispoortii jalqabaa Ronaaldoon, Tiraamp nagaa addunyaa deebisuuf shoora taphataniif uffata lakkoofsa 7 irratti mallatteesse kennaan erguufiin ni yaadatama.
Madda: The Washington Post