Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) mata duree wayita hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaaf leenjii kennanitti ”Rakkinni dhiibee kan nu kuffiisuu osoon taane, kan nu tarkaanfachiisu ta’uu qaba” jedhaniiru.
Kudhaama rakkinaan hidhamnee akka hin hafne tarkaanfannee galma keenya ga’uuf dhimmoota tokko tokko irratti utaaluutu barbaachisa kan jedhan Ministirri Muummee, hiikni utaalchoo namarratti fuuleffachuun, dhalootaan kan hogganamu ta’uu akka qabu dubbataniiru.
”Yaad-rimeen Utaalcha Ida’amuu garaa garummaa waan darbe wajjin qabnu dhiphisuu fi guddina ajaa’ibsiisaa fiduudha” jechuun, galmi utaalcha ida’amaa ammoo badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf akka ta’e addeessaniiru.

Galma barbaadnerra gahuuf daandii warreen kaan deeman hundarra tarkaanfachuu akka hin qabne kaasuun, bu’aa isaa arginee irraa barachuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Yeroon qormaata guyyaafannaa nu injifachiisuu qaba kan jedhan Dooktar Abiyyi, kufaatii biyya keessattis ta’e biyyaan alatti mudatee turerraa baruun barbaachisaas ta’u, faana hundumaa dhahuun garuu bu’a qabeessa akka hin taasisne yaadachiisaniiru.
Gahumsa ture gara bu’aatti jijjiiruu, dameewwan haaraa, gahumsa oomishuu, carraa gabaa uumuun, gahumsa qabnu ammayyeessuun gara addunyaatti tarkaanfachuuf ifaajuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Carraan rakkoofi qormaata keessaa folloqfamee bahu yoo jiraate, rakkinicha gara carraatti jijjiiruun cehumsa caasaa mirkaneessuuf itti fufsiisuuf fayyadamuu akka barbaachisu dubbataniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin