Qorannoo busaa adda baasu taasisuun ittisaa fi to’annoo dhukkuba busaaf gumaacha olaanaa qaba-Ministeera Fayyaa

You are currently viewing Qorannoo busaa adda baasu taasisuun ittisaa fi to’annoo dhukkuba busaaf gumaacha olaanaa qaba-Ministeera Fayyaa

‎AMN PLUS-Sadaasa 22/2018

‎Sadarkaa biyyaatti qorannoon busaa adda baasu taasisamuuf ogeessota raga sassaabaniifi qindeessitootaaf leenjiin kennamaa akka jiru ibsameera.

‎Leenjicha irratti kan argaman Deetaan Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa dhukkuba busaa dhabamasiisuuf tattaaffii taasifamaa jiru fooyyessuuf qorannoorratti hundaa’uun odeeffannoo saayinsaawaa maddisiisuun dhukkubicha ittisuufi to’achuun akka danda’amu ibsaniiru.

‎Daayirektarri Olaanaan Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa Dooktar Masaay Haayiluu qorannoon dhibee busaa adda baasu kun galteewwan ittisaafi qaqqabummaa ittisaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru

‎Dabalataanis qorannichi tajaajila yaalaa; daddarbiinsa dhukkuba busaa haadholii fi daa’immanii irratti akka xiyyeeffate dubbataniiru.

‎Hawaasnis ragaan gahaa fi qulqullina qabu akka sassaabamuuf qindeessitootaaf tumsa barbaachisaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

‎Qorannoon agarsiiftuu Busaa kun naannoo hunda keessatti buufatalee fayyaa filataman 560 fi abbootii kuma 14 ol ta’an kan hirmaachisu ta’uun ibsameera.

‎Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa qorannoo agarsiiftuu busaatiif ogeessota ragaa sassaabaniifi qindeessitootaaf leenjii guyyoota torbaa Magaalaa Bishooftuutti kennaa akka jiru odeeffannoon Ministeera Fayyaa irraa argame ni mul’isa.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply