Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash G/Mikaa’el Ambaasaaddar Eervin Maasingaa waliin mari’atan

You are currently viewing Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash G/Mikaa’el Ambaasaaddar Eervin Maasingaa waliin mari’atan

AMN PLUS- Sadaasa 24/2018

Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash G/Mikaa’el Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Eervin Maasingaa waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’atan.

Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash, hariiroo damee poolisii biyyoota lamaanii daran cimsuun shororkeessummaafi yakkoota daangaa ce’an waliin ittisuu, muuxannoo wal jijjiiruufi ijaarsa dandeettii irratti tumsaan waliin hojjachuuf Ambaasaaddar Maasingaa wajjin waliin mari’achuu ibsaniiru.‎

Ambaasaaddar Eervin Maasingaa gama isaaniin, hariiroo damee poolisii biyyoota lamaanii daran guddisuuf Ameerikaan fedhii qabaachuu eeruun keessumaa shororkeessummaafi yakkoota daangaa ce’uun hojjataman waliin ittisuuf biyyi isaanii kutannoo akka qabdu marii isaaniin kaasuu mirkaneessuu isaanii odeeffannoon Komishinii Federaalaa AMN’f erge ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply