Misraachoon Gubaarraa dhagahame biyya hunda walga’a- Obbo Addisuu Araggaa

You are currently viewing Misraachoon Gubaarraa dhagahame biyya hunda walga’a- Obbo Addisuu Araggaa

AMN PLUS- Sadaasa 27/2018

Misiraachoon Gubaa Irraa Dhagaahame Kutaalee Itoophiyaa Gara Garaa Keessatti Irra Deebiin Ni Mirkanaa’a Jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa.

Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullalleetti Mariin Kutaalee Hawaasaa Gara Garaa Hirmaachise Gaggeeffameera.

Marii Kana Irratti Haasaa Kan Taasisan Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa Deemsa Badhaadhinaa Eegalame Milkeessuu Keessatti Hirmaannaan Jiraattotaa Magaalaa Finfinnee Olaanaa Ta’uu Dubbataniiru.

Kanaafi Mootummaan Yeroo Adda Addaattii Jiraattota Irraa Yaadaa Fudhachaa, Cimina Jiru Itti Fufsiisuufi Gaaffiilee Jiraattonni Kaasaniif Immoo Deebii Laachuun Missiraachoo Gubaa Irraa Dhagaahame Kutaalee Biyyaatti Gara Garaa Irratti Milkeessuuf ni Hoojjeta Jedhan.

Jiraattonni Kutaa Magaalaa Gullallees Waltajjiin Akkasii Kun Mootummaafi Jiraattoota Gidduutti Sirni Dimokiraasii Hojiirraa Olaa Jiraachuu Agarsiisaa Jedhan.

Waadaa Mootummaan Gara Fuulduraatti Raawwachuuf Gale Irratti Tokkummaan Deeggaruuf Kutannoo Qabaachuus Ibsaniiru.

Geetaahun Katamaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply