Guyyicha wayita kabajnu karoorawwan ceesisoo Mootummaan Ida’amuu baase hojiirra oolchuun ta’uu qaba- Paartii Badhaadhinaa

You are currently viewing Guyyicha wayita kabajnu karoorawwan ceesisoo Mootummaan Ida’amuu baase hojiirra oolchuun ta’uu qaba- Paartii Badhaadhinaa

AMN PLUS – Sadaasa 29/2018

Paartiin Badhaadhinaa Guyyaa Ayyaana Saboota Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Guyyaan Ayyaana Saboota Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa bara kanaa Sadaasa 1, 2018 irraa eegalee naannolee fi bulchiisnota magaalaa hundatti dammaqinaan akka kabajamu taasifamuu ibseera.

Kunis kutannoo tokkummaa sabdaneessaafi sirna federaalizimii ijaaruuf qabame kan agasiisudha jedhe.

Paartichiifi Mootummaan Ida’amuu Guyyaan Saboota Sablammootaafi Uummattootaa 20ffaan ayyaana guyyaa tokkoorra darbee barbaachisummaa isaa haalaan hubachuun gaaffiiwwan haqaa, walqixummaa, misoomaa fi dimookiraasii Sabootaa Sablammootaafi Uummattootaa moggaasawwan ayyaanichaan ibsaman qabatamaan deebisuun ta’uu akka qabu amana jedheera ergaa isaan.

Guyyaa Ayyaana Saboota Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaa wayita kabajnu karoorawwan ceesisoo Mootummaan Ida’amuu baase hojiirra oolchuun fi bu’aa argamsiisaa jiraachuu kanaafis uummatni abbummaan kan itti hirmaatuufi fayyadamaa ta’aa dhufe ta’uu hubachuun barbaachisaa akka ta’es kaaseera.

Bara dhufu Guyyaa Ayyaana Saboota Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 21ffaa kan kabajnu harka tokkoon hojiilee nageenyaafi misoomaa eegalle milkeessuun harka biroon ammoo uummanni waggoottaniif kan qabsaa’eef sirna dimookiraasii sadarkaa olaanaarraan geenyeetu jedhe.

Filannnoon biyyaalessaa marsaa 7ffaan bilisa, haqa qabeessaafi hirmaachisaa ta’uun milkaa’inni dimookiraasii akka ittiin mul’atuuf Saboonni Sablammoonniifi Uummattoonni Itiyoophiyaa akkuma Kanaan duraa abbummaafi dammaqinaan hirmaachuu akka qaban dhaameera.

Kana malees sosochii biyya diiguu halagaawwaniifi baandaawwanii dammaqinaan hordofuun fi qolachuun akkasumas Waliigaltee Dimookiraatawaafi Tokkummaa Sabdaneessaa keenya cimsuun ta’uu qaba jedheera ergaa isaan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply