‎Yuukireen karoora nagaa haaraa qopheessite

You are currently viewing ‎Yuukireen karoora nagaa haaraa qopheessite

‎AMN PLUS- Sadaasa 30/2018

‎Yuukireen waraana Raashiyaa wajjinii dhaabuuf karoora haaraa qopheessuu beeksisteetti.

‎Pirezidaantiin biyyattii Volodmiir Zeleniskiin, wixinee” naannolee Yuukireen muraasa kutanii Raashiyaaf kennuu” jedhu osoo hin simatin nagaa buusuuf karoora haara qopheessuu kan ibsite.

‎Karoora haara fooyya’e kanas Yuukireen Waayit Haawusitti akka dhiyeessitu BBC’n gabaaseera.

‎Haa ta’u malee, osoo tattaaffiin marii nagaa adeemsifamaa jiru, waraanni Bahaa Yuukireen keessatti cimee itti fufaa jiraachuun ibsameera.

‎Pirezidaanti Zeleniskiin seerri Yuukireenis ta’e idil addunyaa “Raashiyaaf lafa kutii kenni” jedhu akka hin jirre eeruun, karoora nagaa Pirezidaantiin Ameerikaa wixinan kan lafa kutii kenni jedhan akka hin simanne beeksisaniiru.

‎Mariin anga’oota Yuukireeniifi Ameerikaa jidduutti torban darbe adeemsifamaa tures waliigaltee malee xumurameera.

‎Pirezidaanti Tiraamp torban darbe keessa waliigaltee nagaa irra akka hin ga’amne danqaa kan ta’an Pirezidaanti Zeleniskii ta’uu ibsanii turan.

‎Zeleniskiin gama isaaniin dhimmootni qofaatti mari’atamuu qaban akka jiran himaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply