WTO’tti makamuuf mariiwwan baatiiwwan torban darban keessa gaggeeffaman milkaa’oo turan- Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing WTO’tti makamuuf mariiwwan baatiiwwan torban darban keessa gaggeeffaman milkaa’oo turan- Obbo Tamasgeen Xurunaa

AMN PLUS- Mudde 2/2018

Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti makamuuf mariiwwan baatiiwwan torban darban keessa gaggeeffaman milkaa’oo turan jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa.

Waltajjiin marii adeemsa miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa irratti xiyyeeffate mata duree “Itoophiyaa daldalaan walitti hidhuun gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu” jedhuun gaggeeffameera.

Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana Itoophiyaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti makamuuf hojiileen baatiiwwan torba darbanitti hojjette tattaffii waggoota 22’f taasifame gara boqonnaa addaatti kan ceesisedha jedhan.

Bu’aaleen walga’iiwwan garee hojii 5ffaafi 6ffaan galmaa’an dandeettii raawwachiisummaa keenyaa kan agarsiisanidha jechuunis ibsan.

Riifoormii diinagdee mandhaleen fooyya’iinsi rakkoolee keessoo diinagdee biyyattii furuuf gaggeeffaman jijjiirama fiduu kaasanii, haaluma kanaan Itiyoophiyaan gara waltajjii marii Jeeneevaatti deebi’uu dubbatan.

Mariin Itoophiyaa miseensa dhaabbatichaa gochuu yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf kallattiin kaa’amee turuu ibsuun, hojiileen marichaaf barbaachisan hojjetamaniiru jedhan.

Gaaffiiwwan biyyoota miseensaa irraa ka’aniif haala faayidaa biyyattii eegsisuun deebiin kennamuus ibsaniiru.

Dhaabbileen raawwachiistuu mootummaa hammattoo seeraa irraa hanga hojiirra oolmaatti hammattoo seeraa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa waliin kan walsimu ta’uu isaa ariitiin adda baasuun fi hojimaatilee mijatoo ta’an hojiirra oolchuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuuf qophii akka xumuran yaadachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply