Duulli Talaallii Dhibee Pooliyoo Marsaa 4ffaan Finfinneetti kennamuu eegale

You are currently viewing Duulli Talaallii Dhibee Pooliyoo Marsaa 4ffaan Finfinneetti kennamuu eegale
  • Post category:Fayyaa
  • Post comments:0 Comments

AMN PLUS- Muddee 3/2018

Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee Duula qindaa’aa talaalli dhibee Laamshessaa (Pooliyoo) marsaa 4ffaa daa’immaan waggaa 5 gadii ta’aniif kennuu eegale.

Saganticha kan eegalchiisan Hoogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr. Yohaannis Caalaa dhibee pooliyoo hanga ammaatti qoricha akka hin arganne dubbatanii furmaanni isaa dursanii Talaallii kennuudha jedhan.

Dhibeen Kun tuttuqaadhan kan darbu ta’uu kan dubbatan Dr. Yohaannis, Finfinneetti daa’immaan kuma 700 talaallii kennuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Daa’imman umriin isaanii waggaa shanii gadi ta’an kanneen kanaan dura talaalamaniifi hin talaalaminiif kan kennamuudhas jedhan.

Talaalliin dhibee Pooliyoo kun Mana baruumsaa, manaa manatti, bakka tursiisa daa’immaniifi giddu gala guddisa daa’immaniitti Muddee 3-6tti waan kennamuuf maatiin daa’immaan isaanii akka talaalchisaniif waamichi dhihaateera.

Geetaahun Katamaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply