Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa ijaarsa sirna dimookiraasii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjataa akka jiru ibse.
Manni Marichaa Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannolee waliin marii adeemsisaa jira.
Waltajjii mare kana irrattis qorannoon raawwii hojii bara 2017 yoo dhiyaatu, karoora bara kanaa irrattis akka mari’atu ibsameera.
Walitti qabaan mana marichaa Obbo Solomon Ayyalaa, “nagaa waaraa mirkaneessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjachaa jirra” jedhaniiru.
Manni Marichaa Mariin Biyyaalessaa akka milkaa’uuf ajandaa walitti qabee dhiyeessuurraa eegalee komishinicha wajjin walitti siquun akka hojjataa jiru beeksisaniiru.
Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa barana adeemsifamu haqa qabeessa, ifaafi bilisa akka ta’uuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjachaa akka jiranis ibsaniiru.